Namni hojii daldalaa irratti bobba'e tokko tarkaanfii rifachiisaa akkasii gaafa fudhatu inni biraan maal gochaa akka jiru tilmaamuun hin ulfaatu. Hojiin isaanii keessaa gi alaan ijaaramanii Oromoo fi Oromiyaa diiguu dha. Qeesiin macaafa qulqulluu lafa kaa'ee kilaashii kan hidhate akka tasaa miti. Karooraa fi tarsiimoon kan irratti hojjetamaa turee dha. Dursaan amantaa waaqatti amanuu dhiisee hiriira mormii biyya lafa gaafa qindeessu eessatti deemaa akka jirru hubachuun nama hin rakkisu. Dhugaa dubbachuuf taanaan gara fuula duraatti waan Oromoo fi Oromiyaa irratti ta'uuf deemu gaafa yaadan qaamatu nama suuka'aa. Duutii fi gidiraan barattoota Oromoo irra ga'aa jiru mallattoo xiqqoo dha.Falli Oromummaan ijaaramuu qofa.
Caaltuun arrabsoo ta'uu kan duraan dhageessan ija keessaniin argitan. Maqaa Caaltuu jedhu arrabsuun Oromoo arrabsuu dha. Oromummaan fafa jechuu dha. Kun immoo kan ta'aa jiru bata Minilik miti.Har'a ta'aa jira. Waan Oromoon kan kiyya jedhe hunda irratti duulaa jiru. Kan Oromoon jaal'atu hunda hadheeffatanii jibbu. Qaama akkasii waliin hojjechuu mitii biyya tokko walitti qabna jechuun mataan isaa salphina.
Maqaa nama dhuunfaa waamanii " Oromoo bakka hin bu'u " jedhu. Oromoon kan isa bakka bu'uu fi hin buune tolchee beeka. Isaaniif garuu Oromoon homaa hin beeku. Tuffatamaa fi wallaalaa dha.
Yaa Oromoo, ushruruu hin barbaachisu. Irra dibuu hin feesisu.Adeemsi amma itti adeemamaa jiru karoora diinota Oromoo ti. Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf fiigaa jiru. Oromoonis ta'e dhaabni warra Oromoo balleessuuf deeman waliin hiriire hundi diina. Diinni diina caalus isa kana.Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru akkuma jedhamu kan nu salphisaa jiru Oromoo dha ofiin jechaa kan diinatti hidhatee dha.
Tiruun bulte lafee taati. Warra Oromummaan nu jibbu, warra maqaa Oromoo akka arrabsootti lakkaa'u fuula dura kan dhaabbachuu dandeenyu fi Oromiyaa aggaammii badiinsaa jalaa baraaruu dandeenyu Oromummaan yoo ijaaramne qofa. Kun amoo yeroo kamuu caalaa kan nu barbaachisu har'a.
Comments